Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi dargaggoota ammoo goyyomsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha oggaa waan qabaniif gadi lakkisan dhaban, ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin jumlaan gara leenjii waraanaatti guuruu, ajjeesuu, hidhuu fi saamuu hojii idilee taasifachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Sayyoo Noolee bakkeewwan adda addaatti saamtonni Koloneel Abiy Ahimed sababoota garaa garaa wabeeffachuun saamicha ulfaataa hawaasa nagaa irratti raawwatan ittuma fufuun, wayita ammaa kanas ganda Samarroo Qoocee jedhamu keessaa maqaa “ijaarsa gamoo paartii” jedhuun nama tokko irraa qarshii 1,200 dirqamsiisanii guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Akkasumas, gandicha keessatti dargaggoota barnoota idilee xumuranii hojii malee taa’aniin ammoo “carraa hojii isiniif uumna” jechuun beeksisa maxxansanii goyyomsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version