Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Saamichi qabeenyaa fi reebichi godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti waraana sirnichaan itti fufe

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun saamicha daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiran hidhattootni murna bilxiginnaan bobbaafaman, gocha isaanii kana Oromiyaa bakkeewwan hedduutti uummata nagaa harka qullaatti hambisuun jiruu gadadoo fi harka namaa ilaaluuf akka dirqaman gochaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 4, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Ijaarii keessatti waraanni faashistii PP qabeenyaa hawaasaa saamuun reebichas raawwachuu isaanii jiraattotni ONM’tti himan.

Qonnaan bulaa hojii qonnaa dalagachuun ofii fi maatii isaa jiraachisu kan maqaan isaa Misgaanuu Tolaa jedhamu jalaa buna kuntaala 5 fi sa’a rimaa tokko jalaa yoo fudhatan namoota hedduu irratti reebicha daangaa hin qabne irratti raawwachuu himaniiru.

Gareen hannaaf of qindeesse irra deddeebiin ganda kana keessatti ajjeechaa dabalatee saamichi qabeenyaa jiraattota irratti raawwachaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version