ONM-ABO Adoolessa 1, 2023
Murni faashistii PP aangoo isaa tikfachuuf waraana heddumina qabu leenjisee Oromiyaa bakkoota cufatti erga bobbaasee qe’een Oromoo boqonnaa hin arganne.
Waraanni Abiy Ahimed qajeelfama warreen maqaaf mootummaa ofiin jedhaniin kan dhiibbaa uuman yoo ta’u, godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii fi Seertumii keessatti uummata hiraarsaa jiru.
Magaalaa Muggii keessatti qabeenya uummataa saamuu, abbootii qabeenyaa doorsisanii maallaqa irraa fudhachuu fi sobaan yakkanii kan hidhan yoo ta’u, aanichuma magaalaa Seertumii keessatti ammoo reebicha irraan ga’aa jiru.
Magaalaa Seertumii bakka addaa Ukkii jedhamtu kan buufatan waraanni faashistii kun shamarran Oromoo dirqiin gudeeduu, mooraa keessa sodaatanii mana uummataa keessa buluu fi dubartoota akkasumas shamarran bakkoota garaagaraa irraa waammachuun miseensota maatii mana keessaa dirqiin baasuun manicha keessa bulaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Murni faashistii PP daandii cirracha gurraachaan isiniif galchaan waggaa sadii dura dhagaa bu’uuraa kaa’us maallaqa isaa fixuun, uummata dirqiin hojii irraa qabanii lafa qochisiisaa fi ijaarsa daandii jechuun maallaqa guuruu itti fufuu dabaluun addeessaniiru.

