Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti Hidhaa, Saamichaa, qabanii achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa suukanneessaan irra deddeebiin waraana murna ppn uummata nagaa irraatti jabaachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Baattoonni kaayyoo Milinik ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiqinnaan guyyaadhaa gara guyyaatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu , hidhaatti galchanii dararuufi saamicha qabeenyaa raawwachuu hojii idilee isaanii godhachuun itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Guraandhala 25, 2024 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda seertumii iddoo addaa Daammaa jedhamu keessatti waraanni PP namoota 4 qabuun mooraa waraana bilxiqinnaa magaalaa Seertumii keessatti guyyoota lamaaf erga hidhaanii dararaa turanii booda dargaggoo maqaan isaa Lammaa Geetaachoo jedhamu Guraandha 27, 2024, galgala mooraa dhuma itti hidhamee jiru keessatti rasaasa 2n rukutuun ajjeesuu jiraattotni dubbatu.

Achuma magaalaa Seertumii keessaa dargaggoo maqaan isaa Amaanee Malaakuu jedhamu maqaa waraana bilisummaa quunamta jedhu itti maxxansuun torban lamaa oliif mana hidhaa galchuun reebicha ulfaataa irratti raawwachaa erga turaniin booda guyyaa dheengaddaa mana hidhaatti baasuun achi buutee dhabamsiisuunii fi maatiin hanga yoonaatti eessa akka isaan buusan dhabuun gadda guddaa keessa galanii jiraachuu maddeen gabaasan .

Akkasumas onuma Anfilloo ganda Yaarer keessatti nama maqaan isaa Ifaa Mazgabuu jedhamu abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e bunaafi qabeenya dukkaanaa mana guutuu jalaa fe’echuun qarshiis erga jala fudhatanii booda guraandhala 27, 2024 halkan keessaa toora sa’a 6:30tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONMtti himan.

Exit mobile version