ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Kaleessa Adoolessa 22, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Seertumii garee Xooxxii bakka addaa ooyiruu Abbaa Gabaa jedhamu keessatti loltootni PP miseensa isaaniitti dhukaasanii ajjeesuun barame.
Loltootni PP kunneen guyyaa kaleessaa waaree booda sa’a 9:00 irratti miseensa waraana PP tokko rasaasa 3 itti dhukaasuun ajjeesanii ooyiruu keessatti osoo hin awwaalin uffata bokkaa bakkichatti irra buusuun deeman.
Ergamtootni barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobba’an kunneen buufata waraana PP ganda Seertumii irraa Wiixata darbe Adoolessa 21, 2025 gara ganda Waabaa Eebbaatti kan bobbaafaman yoo ta’u, guyyaa kaleessaa bakka Xaanaa jedhamu keessa qaxxaamuruun ol deebi’anii ganda Seertumii bakka addaa ooyiruu Abbaa Gabaa kanatti ajjeesuu odeessi keessoo isaaniitii ba’ee fi namootni reeffa namaa uffata waraanaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Loltootni faashistii PP kunneen ajjeechaa sana miseensa isaanii irratti kan raawwataniif Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdaa fi hawaasa akka nuti hin ajjeesneef nu harkaa baaste jechuun akka ta’e barameera. Erga ajjeesanii deemanii boodas guyyaadhuma kaleessaa gara galgalaa buufata Seertumiitti deebi’anii jiru.
Murni bulchiinsa isaa laaffate afaan qawween jabeessuuf loltoota humnaa fi goyyomsaan qabee leenjii kennuufiin baase halkanii fi guyyaa qe’ee Oromoo keessatti bobbaasee yakka namoomaa hojjechiisaa oolu Bilxiginnaan, akka waraanaatti waliigaltee dhabuun mooraa keessaa fi bobbaa irraatti wal ajjeessaa, hidhaa fi miidhaa qaamaa wal irraan ga’aa jiraachuun kan beekamuudha.

