Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti ajjeechaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa raawwatu jabaachuu jiraattonni ONM’tti himan 

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Bulchiinsa Oromiyaa kan of harkaa qabu Shimallis Abdiisaa irra deddeebiin sababoonni qawwee dhabuun qaamolee biroon miidhamuu uummata Oromoo WBO’dha jedhee dubbatus, qabatamaan lafarra jiru faallaa dubbii isaa ta’uun meeshaalee waraanaa seera qabeessummaan uummanni Oromoo qabu humnaan caqafee irraa guuraa akkuma ture har’as jabeessee itti fufuun Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu keessatti meeshaa uummata irraa hiikuun jabaatee jira.

Jiraataa aanaa Hurrumuu ganda Uggii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Muraad Kadir jedhamu Gurraandhala 20, 2025 waraanni faashistii PP qe’ee isaaniitti marsuun meeshaa abbaa isaa qawwee AKM 1, rasaasa 90 fi qumbii 3 waliin fudhachuun dargaggoo kanas qabanii mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Meeshaa kanas maatiin kun seera qabeessummaan itti fayyadamaa kan turan oggaa ta’u, meeshaa kanaan uummata Amaaraa doorsistu jechuun irraa fuuchuun barameera. Haa ta’u malee finxaaleeyyiin godina Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddellee keessatti qawwee hidhatanii jiranitti Ilmaan Oromoo irraa hiikuun balaaf saaxiluu akka ta’e miidhaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti qaqqabe irraa hubachuun ni danda’ama.

Kana malees Gurraandhala 25, 2025 namni maqaan isaa Shukuraa Fayisaa Diggaa jedhamu loltoota faashistii PP’n ukkaamfamee achi buuteen isaa dhabamee jira. 

Oduu ajjeechaatiin ammoo torbee darbe keessa ilma Obbo Kadir Kamaaloo shiftoonni faashistii PP yakka tokko malee ajjeesanii akka gatan  jiraataan onichaa rakkoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko yaada isaa ONM’f qoodeera.

Exit mobile version