Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu keessatti miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif odeessa laattu maqaa jedhuun bilbila hawaasaa guuruun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025

Murni balfamaan sagalee uummata Oromoo ukkaamsee garboomfachuu barbaadu Bilxiginnaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Uggee keessatti odeessa keenya miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennaa jirtu jechuun Caamsaa 6 fi 7, 2025 hawaasa guutummaa gandichaa irraa bilbila guuraa turuu jiraattonni gochi kun irratti raawwate Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattotni gandichaa yaada isaanii ibsanitti dararaan bifa adda addaan garee faashistii PP’n hawaasa Oromoo irratti taasifamaa jiru daran jabaachuu irraan kan ka’e jiraattonni rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu fi bobbaanee galuuf osoo hin taane mana keenya keessa iyyuu bullee bahuuf yaaddoo haalaan ulfaataa keessa jirra jechuun yaada isaanii  ifoomsanii jiru.

Gareen barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobba’an kunneen ajaja isaa qofa guutuun gochaawwan badii himamee hin dhumnee fi Oromoo qorqalbii akkasumas hawaasdinagdeen cabsu Oromiyaa bakka cufatti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version