Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Obboleeyyan shamarranii lama Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti shiftoota waraana PP’n gudeeddiin irratti raawwachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Wiixata darbe Hagayya 4, 2025 ganama sa’a shanii keessa gara jabeeyyiin ergamtoota PP kanneen nageenya hawaasaa kabachiisuu maqaa jedhuun qe’ee uummataa keessa bobbaafaman obboleeyyan shamarranii lama kanneen dhalootaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Innaatii Haroo ta’an irratti gudeeddii raawwachuun dhaga’ame.

Shamarran kunneenis umrii ijoolummaa keessa kan jiran: 

  1. Bilisee Shibbiruu dubra ganna 12 fi 
  2. Raamatuu Shibbiruu dubra ganna 15 yoo ta’an, 

gocha kana boodas loltooni PP kunneen miidhaa qaamaa ulfaataa irraan gahuun bakkee keessatti gatanii akka deemanis jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni Bilxiginnaa waraana aangoo isaa da’eeffachuun dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhanne jedhu hawaasa nagaatti bobbaasee mirga lammiilee sarbuu fi kichuuwwan ol-adeemoo hamaa fi gaarii adda  baasanii hin beekne akkasumas maatii fi sabaaf abdii ta’an ergamtoota isaan yakka gudeeddii irratti raawwachiisuu, ajjeesuu fi bakka buutee dhabamsiisuun gama biraan ammoo dhalootaaf hojjechaa jirra, dhalootatu nu galateeffata jechuun miidiyaa irraa sobaa oolu. 

Exit mobile version