ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu magaalaa Hurrumuu keessatti Adooleesaa 17, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa uummata magaalaa dhaquun odeessa keenya asii futanii WBO qaqabsisaa jirtu fi isintu WBO nu lolchisaa jira jechuun waan uummatni quba hin qabne itti maxxansuun daraaraa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti ergamtoonni sirnichaa kunneen uummata aanichaa gandoota baadiyyaa garaa garaa irraa dhimma isaaniif gara magaalaa deeman daandiiwwan gurguddaa magaalaa seensisu irratti bahuun sababoota adda addaa uummatatti maxxansuun hiraarsaa jiraachuu dabaluun eeraniiru.
Ergama qaama isaanii olii irraa itti kennamu qofa raawwachuuf kanneen bobbaafaman ergamtoonni sirnichaa, hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaa gaggeeffatu maqaalee garaa garaa itti maxxansuun reebuu, hidhuu, qabeenya saamuu fi yakka malee ajjeesuu hojii idilee isaanii godhachuun uummata nagaatti jireenya booressaa jiru.
Uummata dammaqee dhugaa jirtu hubate kan qaama isa miidhuu fi isaaf lolu adda baasee beeku sossobee of jala bulchuuf jecha koloneel Abiy Ahimed waltajjii waamu hunda irratti holola sobaatiin nageenya uummataa mirkaneessinee jirra, dinagdee fi guddina olaanaa galmeesinee jirraa fi biqiltuuwwan miiliyoonotaan lakkaa’aman dhaabneerra, rikeerdii addunyaa cabsineerra jechuun waan hojiin lafa irra hin jirre afarsus, dhugaan lafa irra jiru garuu uummatni rakkoo nageenyaa ulfaataaf saaxilamee wabii lubbuu isaa dhabuun ni beekama.

