ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Waraanni fi milishootni murna Bilxiginnaa waliin ta’uun jiraattota bulchiinsa magaalaa Hurrumuu irraa maqaa “deggersa paartii Bilxiginnaa” jedhuun daandii gubbaa dhaabbachuun qawwee harkaa qabanitti dhimma bahanii hawaasa irraa dirqamaan maallaqa guuraa akka turan odeessi jiraattota magaalichaa irraa ONM’n qaqqabe ni addeessa.
Akka jiraattonni naannichaa ONM’f ibsanitti kanaan duras yeroo garaa garaatti sababoota kaffaltii adda addaa tarreessuun kaffaltii naga’ee hin qabneen uummatni saamamaa turuu fi yeroo ammaas qarshiin guuramaa jiru dantaa guurameef irra kan hin oollee fi faayidaa dhuunfaa kaadirootaa fi kaabinoota magaalichaaf taasifamuu dubbatu
Kana malees aanicha keessatti deggertoota WBO’ti shakkii jedhuun uummata nagaa hidhanii dararaa jiraachuu fi maallaqa gurguddaa irraa saamanii hidhaa irraa gadi dhiisaa jiraachuus jiraattonni magaalichaa itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

