Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti jiraattota irratti saamichi maallaqaa hammaachuun ibsame

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Murni yeroo ammaa kufaatii siyaasaa fi dinagdee ulfaataa keessatti danqamee argamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa bu’uuraalee misoomaa garaa garaa da’oo godhachuun saamicha raawwachuu itti fufuun, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu magaalaa Soonxaa keessatti Waxabajjii 1, 2025 daldaltoota magaalichaa irratti bifa haaraan saamicha geggeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Akka jiraattonni magaalichaa yaada isaanii nuuf qoodanitti kaffaltii gibiraa fi kanneen biroon cinatti manneen daldalaa foonii irra naanna’uun foon kiilogiraama tokko irraa qarshii 100 mootummaaf dirqamaan akka kaffalamuu fi kanneen mootora oofuun uummata tajaajilaa jiran irraa ammoo qarshii 2000 saamaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees ergamtoonni kunneen yeroo adda addaatti maqaa garaa garaa sababeeffachuun kaffaltii yeroo fi naga’ee hin qabne guuraa kan turan yoo ta’u, ammas ittuma fufuun hawaasa saamanii galii mootummaaf jechuun tooftaa ofii bocataniin maallaqa guuraa jiran kanas dhuunfaa isaaniif kan oolfatanii fi torban torbaniin maqaa gosa kaffaltii qofa jijjiiruun bobba’anii kan saamaa jiran ta’uus itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version