ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti Bitootessa 6, 2025 reeffi milishaa murna garboomfataa PP waraana Bilisummaa Oromoon ajjeefamee gara maatii isaa aanaa Hurrumuu ganda Oggeettii konkolaataan geeffamnaan uummatni jibba sirnichaaf qabu irraa ka’uun hokkora kaasee konkolaataa reeffa milishaa baatu caccabsuu hordofee waraanni garboomfataa PP haadha warraa milishaa sirnichaa maqaan ishee Kadijjaa Daggafaa jedhamtu haadha ilmaan 6 gatii konkolaataan kun ittiin hojjetamu kaffalta jechuun nama abbaa manaa ishee barcuma isaanii ittiin tikfachuuf ajjeesisan dararaa turan.
Dubartii kana malees jiraattota gandichaa guyyaadhuma sana Bitootessa 6, 2025 namoota konkolaataa keenya caccabse nuuf himaa jechuun poolisootni aanichaa aduu keessa teessisuun uummata Ramadaana sooman dabalatee rakkisaa turuun barameera.
Aanicha keessatti rakkoon tiksitoota barcuma Abiy Ahimediin uummata irra ga’u jabaachuun uummatni badii tokko osoo hin raawwatin qabamee adabamuu fi maallaqni gatii bittaa akkasumas tajaajila hawaasummaa irratti dabaluun hawaasichatti jireenya hadheessaa jira.
Bifuma kanaanis kaffaltii jiraattonni kanaan dura fayyadamaa turan irratti qarshii dabaluun haala qaala’iinsa gabaa kan ol kaasan oggaa ta’u, jimaa kiilogiraama tokko (1kg) irratti qarshii 17 yoo dabalan, gatii foonii kan dura baramee jiru irratti ammoo kiilogiraama tokkotti qarshii 90 dabaluu fi qaraxa looniif gatii kottee kaffalamu kan duraa irratti qarshii 200 dabaluun hawaasicha mankaraarsaa jiru.
Uummannis haalli galii hawaasaa fi haalli daballii gabaa wal simuu dadhabuu hordofee yeroo ammaa kana manneen daldalaa cufaa kan jiran yoo ta’u, murni Bilxiginnaas “manneen daldalaa maaliif cuftan”? jechuun manneen nyaataa fi bakkeewwan hojii adda addaa kan hawaasni itti bobba’ee jireenya isaa geggeeffatu saamsuu odeessi aanaa Hurrumuu irraa nu qaqqabe ni addeessa.

