ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Weerarri lafaa ilmaan Oromoo irratti murna garboomfataa PP’n labsamee jiru godaansaa fi kadhaaf saaxilaa kan jiru oggaa ta’u, keessattuu bifa haarawwaan uummanni godina Iluu Abbaa Booraa aanaalee akka Hurrumuu, Daarimuu fi kanneen biroo keessatti rakkooleen qaqqabaa jiru haalaan yaaddessaa ta’uu dubbatu.
Akka jiraattonni jedhanitti Bitootessa 24, 2025 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Uggee jedhamu irraa loltoonni PP fi kaadiroonni sirnichaa waliin ta’uun lafa dargaggoonni irratti ijaaramuun hojjetan maqaa Investimentii jedhuun jalaa fuudhuun abbaa qabeenyaa tokkoof kennuun beekameera.
Lafti maqaa inveestimentii baala shaayiin dargaggoota harkaa fuudhame kunis yeroo ammaa mormiin irratti ka’ee akka jiru jiraattonni kan himan yoo ta’u, dargaggoonni bifa tasgabbii fi naamusa qabuun qonnaa qotuun maatii fi ofii isaanii ittiin jireessan harkaa fuudhuun jireenya gadadoof saaxilanii jiru.
Dargaggoonni kunis lafti kun nu harkaa fudhamuu hin qabu jechuun mormii agarsiisanis hidhamaa fi barbaacha waraanni PP irratti taasisu baqachaa jiraachuun ibsameera.

