Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu keessatti hidhaan hawaasa nagaa fi caasaa sirna PP namoota ta’aan irratti adeemaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Gareen saamichaaf ijaarame godinoota Oromiyaa guutuu keessatti dararama ulfaataa hawaasa nagaa irratti taasisaa jiruun caasaa keessoo isaa fi shakkii qaamolee garaagaraaf qabuun yeroo ammaa hidhaa hammeessuun hiraarfamni ta’aa jiru daran jabaatee itti fufee jira.

Haaluma kanaanis godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu bulchiinsa magaalichaa fi gandoota baadiyyaa irraa hawaasa nagaa qabuun hidhaan hiraarsaa akka jirantu himama.

Namootni nagaan hidhamanii yeroo ammaa hiraarfamaa jiran maqaan isaanii Taammiruu Arfaasaa magaalaa Hurrumuu irraa fi Alamaayyoo Kan jedhamu ganda Gaabaa qabuun torban tokkoo oliif dararaa jiraachuun beekameera.

Dabalataanis komaandera maqaan isaa Mankir Girmaa jedhamu dabalatee Poolisootni 5 maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun hidhamanii hiraarfamaa jiru jechuun maddeen dubbatu.

Akka maddeen jedhanitti godinicha keessatti wal shakkiin caasaalee sirna PP gidduutti uumamee jiru yaaddoo ulfaataa sirnichatti uumee akka jiru dabaluun ONMtti himaniiru.

Exit mobile version