ONM-ABO Hagayya 6, 2025
Impaayera afaan qawweetti amantu tiksuuf jecha lukkeeleen Bilxiginnaa guyyuu hawaasa nagaa irratti gochoota hammeenyaa gurraan dhaga’uuf hin malle afaan qawwee fayyadamuun raawwatan hammeessuun, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu gandoota 4 keessatti waraanni Bilxiginnaa Adoolessa 20, 2025 irraa ka’uun hanga gabaasni kun qindaa’etti gandoota kanneen akka; Inaataroo, Ogee, Qareesii, Sonxaa jedhaman keessaa dargaggoota adamsanii hidhuu fi uummataan nyaata nuuf dhiyeessuu qabdu jechuun qawwee harkaa qabanitti dhimma ba’uun doorsisaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Uummanni nyaata isaan jedhan qopheessee waajjra gandaa fi lafa isaan jedhanitti geessus waraanni Bilxiginnaa kunneen halkan mana mana irra deemuun shamarran maatii biraa qabuun gudeeddii irratti raawwachaa jirachuus jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

