ONM-ABO Muddee 30, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu magaalaa Soonxaa keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa Muddee 28, 2025 hawaasa gandoota baadiyyaa garaagaraa irraa bittaa fi gurgurtaaf gabaa bahanii turan irratti qawwee dhukaasanii miidhaan uummata irratti raawwatamuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Akkuma kanaan Dilbata Muddee 28 hawaasni godinichaa gandoota baadiyyaa fi magaalaa naannichaa adda addaa irraa walitti dhufanii bittaa fi gurgurtaarra osoo jiranii waraanni faashistii PP uummata irratti dhukaasa bananiin miidhaan uummataa fi qabeenya irra gahuun ibsameera.
Uummatni akkuma meeshaalee daldalaaf qopheessan gabaaf dhiheessaniin sababa tokko malee waraanni goolessaan Bilxiginnaa dhukaasa hawaasa irratti eegallaan namni cufti baaragaan kufaa ka’aa wayita baqatanitti meeshaalee uummataaf gabaaf dhihaate uummatni dhiisee baqachuun waraanni maafiyaan kun saamanii waajjira poolisii aanichaatti galii godhachuun ifoomeera.
Kana malees aanichatti dargaggoota hedduu hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun bakkuma arganitti reebichaa ulfaataa irratti raawwachuun gariin ammoo hidhanii dararaa jajjabaa irratti geggeessuu fi mana hidhaa irraa baasanii gara bosonaatti geessuun ajjechaa suukanneessaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.
Godinichatti uummatni Oromoo aanaalee garaagaraa keessa jiraatan sochiin waraana Bilisummaa Oromoo gamasitti jabaachuu hordofee maqaa siyaasaa harka keessaa hin qabneen yakkamuun hidhamuu, ajjeefamuu, hidhamuu fi manni jireenyaa irratti gubachuu dabalatee qe’ee isaanii irraa buqqifamanii godaansifamaa jiraachuunis ni mul’ata.

