ONM-ABO Hagayya 2, 2025
Murni Bilxiginnaa gochoota sukkanneessoo ilmaan Oromoo irratti raawwatu hammeessuun, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Ogee jedhamu keessatti Adoolessa 18, 2025 irraa egalee waraana Bilxiginnaaf uummanni dirqamaan nyaata qopheessanii waajjira gandaatti akka geessan ajajuun, namoota nyaata hin geessine irratti dararaa garaa garaa rawwachuu fi erga nyaata argataniin boodas halkan halkan manneen uummataa irra deemuun buna nuuf ddanfisaa jechuun doorsisaa jiraachuu jiraottonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.
Gandichuma keessaa Abootii gadaa gandichaa 2 kanneen maqaan isaanii:
- Sheek Abduramaan Wadaajoo fi
- Obbo Shifarraa Guddataa
jedhaman maqaa “ilmaan keessan hidhata WBO qabu, isaan fiddan malee hin baatan jechuun waajjira gandaatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, daa’ima ganna 15 maqaan isaa nu hin qaqqabne tokkos abbootii gadaa kana waliin hidhanii jjiraachuu jiraattotni itti dabaluun himaniiru.
Goleewwan Oromiyaa mara keessatti murni Bilxiginnaa dararaa uummata nagaa irratti raawwatu guyyaa irraa gara guyyaatti jabeessee, uummatatti jireenya hadheessuun reebicha, hidhaa hanga ajjeechaa lubbuutti dararaa raawwatu cimsee jira.

