ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu keessatti Waxabajii 22, 2025 irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaa “deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun waraanni impaayerattii hawaasa Oromoo aanichaa irratti dararaa hammessuun jiraattota nagaa ganda Inaattaroo jedhamu keessaa gara magaalaa Hurrumuu geessuun hidhaatti darbatanii jiraachuu ONM odeeffateera.
Namoota hidhaman keessaa muraasni maqaa arganne:
- Maatiwoos Kamisoo,
- Tafarii Bakashee,
- Tolaa abduu,
- Jawaar Abdurramaan,
- Isiyaaq Ittaanaa,
- Takkaa Gammadaa fi
- Abdoo kan jedhaman dabalatee yakka malee hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Bulchaan gandichaa maqaan isaa Dassee Gosaa jedhamu adda durummaan dargaggoota gara dirree waraanaatti guuruu fi milishoota sirnichaa bobbaasee hawaasa saamsisuu akkasumas uummata maqaa siyaasaan yakkee hidhaatti guursisaa jiraachuun addeeffameera.
Koloneel Abiy Ahimed Adoolessa 3, 2025 mana maree bakka bu’oota uummataa waliin gaaffii fi deebii gaggeesseen, namni tokkollee maqaa siyaasaan hidhaatti darbatamaa hin jiru jedhus, garuu dhugaan lafa irra jiru uummatni hidhaatti darbatamuu irrayyuu darbee mana hidhaa irraa baafamuun bosona geeffamee bakka uummanni reeffa walii illee argee awwaaluu hin dandeenye keessatti rasaasaan ajjeesanii irbaata bineensaa taasisaa jiraachuun ni beekama.

