Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko irratti reebicha raawwachuun hidhaatti darbatan

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Aanaa Sibuu Siree ganda Jaalallee jedhamu keessaa waraanni maafiyaan PP, dargaggoota adamsuun garmalee dararaa jiran, Bitootessa 14, 2025 dargaggoo maqaan isaa Barkumaa Balaay jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii qabuun reebicha ulfaataa ta’e erga irratti raawwataniin booda, mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Dargaggoon kun barataa kutaa 12’ffaa yoo ta’u, barumsa isaa malee “hidhata dhaaba siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaa biratti kabajaaf jaalala guddaa kan qabu ta’uun ibsamee jira.

Qormaata seensa yuunivarsiitiif qophiitti kan jiru dargaggoon kun, yeroo ammaa kana reebicha ulfaataa irratti raawwateen yaala tokko malee mana hidhaatti hiraarfamaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni sirnichaa barnoota isaa irraa dhorkanii mana hidhaa tursuun maatii isaa yaaddessee jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version