Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggeessi tokko Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti reebicha loltoonni murna Bilxiginnaa irratti raawwataniin du’uun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Fulbaana 11, 2025 guyyaa jijjiirraa bara haarawaa kan impaayerattiitti loltoonni murna Bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Qumbaabiitti dargaggoo maqaan isaa Abbuushaa Dagguu jedhamu yakka tokko malee reebicha haalaan ulfaataa  irratti raawwachuun miidhaa qaamaa jabaa irraan gahanii akka turan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bu’uuruma reebichi jabaan irratti raawwateenis maatiin dargaggoo kanaa lubbuu isaa oolfachuuf gara mana yaalaa aanichaa kan magaalaa Gidaamiitti argamu geessuun guyyoottan ja’aaf yaalchifachaa kan turan ta’us, dargaggoon abdii borii kun reebicha waraana faashistii PP irraa dandamachuu dadhabuun Roobii darbe Fulbaana 17, 2025 lubbuun isaa akka darbe jiraattonni dabaluun ibsaniiru.

Lubbuu ol-adeemaa kanaa oolfachuuf maatii, firrottan, hawaasni naannoo fi ogeessonni fayyaa yaalii waaraa taasisaa kan turan ta’us, miidhaa qaamaa fi sammuu gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa irratti raawwataniin gar-malee kan hubame dargaggoon Abbuush lubbuun isaas darbeera.

Akkuma waliigalaatti rakoowwan jajjaboon raawwatamaa jiru namoota maraaf yaaddoo ta’ee kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo ba’anii galuufis doorsisaa fi sodaachisa murna kanaan raafama ulfaataa keessa akka jiranis dubbatu.

Exit mobile version