ONM-ABO Caamsaa 6, 2024
Koloneel Abiy Ahimed barcuma aangoo isaa tikfachuuf jecha waraana naamusa waraanummaa fi meeshaa maaliif akka baatu hin beekne, golee Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun lubbuu ol adeemtootaa badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun, dhiiga namoota qulqulluu guyyaa guyyaan dhangalaasaa oolu.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Jaldeettii keessatti gaafa Caamsaa 3, 2024 waraanni murna gabroomfataa PP gandichatti bobbaafaman dargaggoo tokko kan maqaan isaa Ahimed Muhiddiin jedhamu mana isaanii deemuun fuula namootaa duratti gadi baasanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, ganduma Jaldeettii keessaa guyyuma sana ammoo namoota hedduu reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii jiraachuu maddeen keenya himaniiru.
Dargaggoon hidhattoota sirnichaan ajjeefame kun nama siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabnee fi hojii qonnaa hojjechuun maatii isaa jiraachisu ta’uu jiraattotni himuun, waraanni shiftaa kunneen gaaffii tokko osoo hin gaafatin gadi baasanii fuula namootaa duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii dubbatan. Ajjeechaan dargaggoo qonnaan bulaa kana irratti raawwate jiraattota gandichaatti yaaddoo fi rifaatuu guddaa uumee kan jiru yoo ta’u, carraan ilmaan keenyaas kanuma laataa jechuun guddoo yaadda’uus dabaluun ibsaniiru.
Guyyuma dargaggoo kana ajjeesan Caamsaa 3, 2024 ganda Jaldeettii keessaa namoota maqaan isaanii Hiddee Umar, Abduu Sayyoo, Adam Abduu, Ahimed Ibraahim, Sa’id Ibraahim fi Adam Ibraahim jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaatti darbataniiru, namoonni hidhaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkaman jechuun maddeen aanaa Baatee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

