ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Akka jiraattonni kun jedhanitti qonnaan bultoonni gandichaa miidhaa cimaan miidhamuun jireenya isaanii egereef yaadda’aa jiraachuun barame.
Qonnaan bulaan keenya baraan oomisha al tokko qofaa kan galfatuudha kan jedhan jiraattonni, haaluma kanaan dhamaatii bara tokko dhama’an hunda bu’aa malee balaa uumamaan barbadaa’eera jedhan.
Gandicha keessatti araddaawwan miidhaan humnaan olii irra gahe keessaa muraasni:
- Korpheessoo fi Hadhoo dabalatee
- Madaafa
- Masgiida
- Jaldeettii
- Roorrisoo
- Tammaanoo Karaa Jabaa fi kanneen biroon jiraachuun barameera.
Godina walloo keessatti waggoota dheeraaf murnoota biyyan bulcha jedhaniin dararaan adda addaa irra gahaa turuu fi ammalleen itti fufee kan jiru yoo ta’u, uummanni Oromoo gama hundaan miidhaa kana hin jedhamne keessummeessaa jirutti rakkoon kun itti dabalameefii jira.
Murni Biltsiginnaa dhiiga ilmaan Oromoo soorachuun jiraatu, godinicha keessatti ajjeechaa, reebicha, hidhaa fi saamicha ofii isaan irratti raawwachuun cinaatti, finxaaleeyyii Amaaraa irratti bobbaasanii hawaasicha jilbeenfachiisuuf hojjechuu malee rakkoo isaanii furuuf yaadee kan hin beekne ta’uun beekamee jira.
Haa ta’u malee uummanni Oromoo godinichaa, aanaa hanga gandoota baadiyyaatti jiruu ulfaataa keessa jiraachaa kan jiru yoo ta’u, dabalataan balaa uumamaa isaan mudateen midhaan facaafatan jalaa barbadaa’uun rakkoo ulfaataaf saaxilamanii jiraachuu jiraattonni ONM’f himanii jiru.
Rakkoo uummaticha mudate kana furuuf warreen bulchitoota jechuun murni badii PP kaawwatee jiru, uummaticha dararuu fi dararsiisuu malee miidhaa qotee bultoota irra gahe kanaaf furmaata tokkollee kan hin fidne ta’uu jiraattonni komatanii jiru.
Bifuma kanaan uummanni ganda Jaldeettii oomishni isaanii balaa kanaan jalaa miidhame abdii kutachuun godaansa seeraan alaaf saaxilamanii jiraachuus dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

