ONM-ABO Muddee 10, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamichaan dararaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Facaasee Kooraa jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa Muddee 5, 2024 nama maqaan isaa Tsaggaayee Caalii jedhamu “Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jechuun loon 8 jalaa ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, ergamtoonni kunneen saamicha isaanii ittuma fufuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Babal’aa jedhamu irraa badii tokko malee nama maqaan isaa Misgaanuu Bonnoqaa jedhamu maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun horii 20 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

