Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti waraanni maafiyaan impaayerattii jiraattota irratti saamicha qarshii miliyoona tokkoo olii raawwatan

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamuun dararaa jira.

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa dararuu amaleeffatan torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Xilahuun Gaashee jalaa qarshii 62,000,
  2. Addunyaa Raggaasaa jalaa qarshii 62,000,
  3. Taaddee Gaashee jalaa qarshii 37,000 fi 
  4. namoota biroo 32 jalaa walumaagalatti qarshii 1,234,000 (miliyoona tokkoo fi kuma dhibba lamaa fi kuma soddomii afur) irraa saamuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa namoota kana mala adda addaa baasanii sossobuun “isiniif deebisna” jedhanii qarshii kana irraa guuranis yeroo ammaa kana ammoo biyya keessan deggeruuf dirqama qabdu jechuun dhowwatanii rakkisaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version