Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa sababa tokko malee Lixa Wallaggaa Aanaalee hunda keessatti sochii doqdoqqee fi baajaajii ugguruun jiraattota rakkisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025 

Ergama dabaa mataa nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed irraa itti kennameen guutuu Oromiyaa keessatti saba Oromoo afaan qawween dararuun akka fedhan gochaa kan oolan ergamtootni Bilxiginnaa, diinummaa Oromoof qaban daran jabeessuun ilmaan haadha hiyyeessaa gidirsaa jiru.

Tarkaanfii WBO’n duula Cichoomina Kaayyootiin fudhachaa jirutti kan baaraagde murni faashistii PP konkolaachistoota doqdoqqee fi baajaajiin eeruu WBO’f laattu jechuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo, Lataa Sibuu, Baabboo, Jaarsoo Qondaala, Begii, Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraatti ugguranii jiraachuun ibsameera. 

Uummanni Oromoo maqaa gibiraatiin maallaqa guddaa gaafatamaa osoo jiruu daldalee, qotee, barsiisee fi hojiiwwan humnaatti bobba’ee akka hin jiraanneef guyyuu loltootaa fi lukkeelee Bilxiginnaan doorsisaa fi dararaan irratti adeemsifamaa jiraachuun yaaddoo jireenyaa itti ta’ee akka jirus yaada isaanii ONM’f ibsaniiru.

Exit mobile version