Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti baajaajii fi doqdoqqee waraana faashistii PP’n gubateen hawaasni dallanuun himame

ONM-ABO Adoolessa 2, 2024

Murni faashistii PP waraana isaa bobbaasuun ajjeechaa lubbuu fi hidhaa namoota nagaa dabalatee qabeenya namootaa barbadeessaa jiraniin jireenyi hawaasaa manca’aa jira, akkasumas badii waraanni sirnichaa raawwatu hawaasa gidduutti dallansuu uumaa jira.

Ergamtootni faashistii PP jireenya uummata Oromoo golgoleessaa jiran  Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Karra Waayyuu Aabbootti  Kibxata darbe Waxabajjii 25, 2024 baajaajii kan guban yoo ta’e, Waxabajjii 27, 2024 ammoo doqdoqqee gubanii turan.

Sababa kanaanis hawaasni qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e dallansuu guddaa keessa jiraachuu fi hawaasni biroonis gochichatti rifachuun yaaddoo keessa jiraachuun barameera.

Akka maddeen aanaa Mana Sibuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti ergamtootni bilxiginnaa qabeenya hawaasaa badii tokko malee gubaa jiraachuu fi qabeenyi guyyoota lama keessatti ganda Karra Waayyuu Aabbootti gubate qarshii miliyoona 5’tti kan tilmaamamuudha jedhan.

Yeroo ammaas gandicha dabalatee bulchiinsa magaalota aanicha keessa jiran keessatti hojii geejjibaan kanneen hawaasa tajaajilan baajaajii, konkolaataa fi doqdoqqee isaanii dhaabuu fi bakka birootti geeffachaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version