Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggeessi tokko waraana maafi’aa PP’n Lixa  Wallaggaa Aanaa Jaarsootti yoo ajjeefamu Aanaa Mana-Sibuu keessatti ammoo geejjiba dhorkuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Humni badee balleessaan impaayera Itiyoophiyaa golee Oromiyaa mara keessatti bobbaafaman haleellaa WBO’n irratti fudhatuun mo’amanii galuun uummata Oromoo harka duwwaa jiru irratti seera haaraa tumuu, akka fedha isaaniitti uummata oofuu fi dararaa adda addaa reebichaa qabee hanga ajjeechaa lubbuutti raawwachuun hawaasa nagaa dhorkaa jiru.

Haaluma kanaan gocha isaanii badaa kana itti fufuun Onkoloolessa 31, 2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna uummata Oromoo hiraarsuuf bobbaafamte irratti tarkaanfii fudhateen, isheen irraa haftee galte uummatatti aarii ba’uuf guyyuma rukutamanii galan namoota Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu Magaalaa Mandii keessatti baajaajii fi doqdoqqeen tajaajilamtoota deddeebisuun ofii fi maatii isaanii jireessan dhorkanii jiraachuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraataa magaalichaa tokko dubbise jedhetti Onkololessa 31, 2024 ganama gaafa WBO’n rukute sana irraa qabuun namoota baajaajii fi doqdoqqee oofan hunda walitti qabuun dhaadannoolee adda adda karaa ajajaa humna waraana Bilxiginnaan dhageessisaa turuun yeroo itti walitti qabanii jiranitti qawwee mataa isaanii irra  qabuun irratti dhukaasaa turan. Akka waraanni PP kun yaadanitti warreen hojii doqdoqqee fi baajaajii oofantu nu ficcisiisaa jira jechuun yoo isin magaalaa kana keessatti hojjettanii jiraattan natu du’ee bada jechuun itti kakachaa fi qawween sodaachisaa turuun barameera.

Yeroo ammaa sababa humna badii kanaan aanaa Mana Sibuu magaala Mandii irraa geejjibni baajaajii fi doqdoqqee dhaabbatee jiraachuun hawaasni dadhaboon, dhukkubsataan, daa’immanii fi ariifataan akka malee rakkachaa jiru. Keessaayyuu dubartoota ulfaa fi namoota dhukkubsattoota mukaan  baatanii gara mana yaalaatti geessaa kan jiran yoo ta’u, kanneen baadiyyaarra jiran ammoo Harree Gaariin wal gesssaa jiraachuu jiraataan biraan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko  ibseera.

Oduu ajjeechaan wal-qabatuun imaanaan qeerroowwan Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa dhadhaa ibidda buute kan taasifame sirna garboomfataa PP’tiin uummanni silaa kabajaan maluuf dhiitamuu, hiraarfamuu, ajjeefamuu fi manneen isaa gubachuu taasifamee jira.

Qeerroowwan Oromoo mormii diddaa fincila gabrummaa irratti  adda isaanii rasaasa Wayyaaneetti kennuun sirna EPRDF kuffisan har’a garuu qabsoon isaanii Bilxiginnaan butamee daranuu kan sirna darbee olitti ajjeefamuun jabaachuun Sadaasa 2, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsootti dargaggeessi tokko ajjeefamuun himameera. 

Dargaggeessi ajjeefame kunis jiraataa aanaa Jaarsoo ganda Baabboo Garjoo kan ta’e  maqaan isaa Abdii Gammachuu kan jedhamu yoo ta’u, dargaggoon kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi hojii qonnaa hojjetatee kan buluudha. Dargaggoon kun ganama mana maatii isaatii qabamee haadhaa fi abbaan  mucaan keenya homaa yakka raawwate hin qabu  maaloo nu jalaa hin ajjeesinaa jechuun  imimmaan lakkuu roobsanii osoo kadhatanii gara jabinaan waraanni sirnichaa waaree booda 8:30’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesuun ibsameera.

Exit mobile version