ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irraa humnaan qabamanii barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif leenjii fudhatanii Oromiyaa keessatti bobbaafaman badii sirnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun murna bilxiginnaa gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis kaleessa Caamsaa 7, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessaa tiksitootni barcuma siyaasaa faashistii Abiy 3 qawwee fi hidhannoo waliin WBO’tti harka kennatanii jiru.
Miseensonni waraana Abiy Ahimed dhalootaan Oromoo ta’an mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Mandii irraa namni 1 qawwee Turkii 1 fi hidhannoo, akkasumas magaalaa Beengu’aa irraa milishootni 2 qawwee dachaatuu 2 qabachuun WBO bira ga’anii jiru.
Erga WBO bira ga’aniis simannaa hoo’aan taasifamuufiin gocha badii uummata Oromoo irratti raawwataniif gaabbuun uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafataniiru. Kana malees uummaticha waan danda’aniin gargaaruuf waadaa seenanii jiraachuu gabaasni Damee Dantaa Waraanaa ABO-WBO irraa nu qaqqabe ni addeessa.

