Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu fi Baabboo Gambeel keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 6 gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan 

ONM-ABO Ebla 25, 2023

Impaayerri bulchiinsa afaan qawweetti amantu Itoophiyaan mirgoota sabaa fi sablammootaa sarbuun biyya tokkoo,aadaa tokkoo, afaanii fi amantaa tokkoon lammiilee hundumaa bulchuuf namoota nagaa ajjeesuun amansiisuuf piroojektii waggaa 150 dura eegalan itti fufsiisuuf ilmaan Oromoo akeeka badii sirnichaatti akka hiriiraniif leenjisanii bobbaasan, kaayyicha mormuun carraa argataniin keessaa ba’aa jiru.

Haaluma kanaan Sanbata darbe Ebla 22, 2023 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 4 aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii irraa hidhannoo guutuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti kan makaman yoo ta’u,  aanaa Baabboo Gambeel keessaas miseensotni waraana bilxiginnaa 2 harka kennataniiru.

Waraanni sirnicha ganan kun mooraa diinaa keessaa qawwee turkii 2, dachaatuu 4, rasaasa 780, Boombii 2 fi hidhannoo fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisaniiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa duraanii kun sirnichaan humnaan qe’ee isaanii irraa qabamuun waraanummaan tajaajilaa turuu isaaniif gaabbuun aarsaa lubbuu kaffalanii WBO waliin falmaa itti fufuun Oromiyaa walabaa ijaaruuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

Itti dabaluunis ilmaan Oromoo goyyoomsaa fi humnaan meeshaa diinaa baachuun barcuma Abiy Ahimed tiksuuf lubbuu dhabaa jiran, gochi isaanii akka sirrii hin taane hubachuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman dhaamaniiru.

Exit mobile version