ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Humna waraanaa guddaa impaayera Itoophiyaa tiksuu danda’u ijaaruutiif Murni PP dargaggoota impaayerattii cufa keessaa addattuu Oromiyaa keessaa humnaan adamsee qabuun adda waraanaatti guuraa kan jiru ta’ullee, ilmaan Oromoo humnaa fi goyyoomsaatiin loltuu ta’aanii sirnicha tajaajilaa jiran danuun dammaqanii sirnicha ganuun meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Akkuma kanaanis ilmaan Oromoo miseensota raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa ta’uun tajaajila jiran gara jabina koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo irratti taasisaa jiru hubachuun mooraa PP onsuun waraana bilisummaa Oromootti dabalamuu jabeessanii jiru.
Kamisa darbe Guraandhala 15, 2024 miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 5 mooraa lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel irraa WBOtti yoo dabalaman, lixuma Wallaggaa aanaa Mana Sibuu fi Lataa Sibuu irraa ammoo namootni lama hidhannoo guutuun waraana bilisummaa Oromoo bira nagaan akka ga’aan maddeen WBO gamasii ONMtti himaniiru.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM turkii 3, dachaatuu 1, shariifo 2, doojii 1, rasaasaa AKM 1,120, boombii harkaa 6 fi gumbii 23 mooraa PP keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru
Hiriyyoota isaanii mooraa PP keessatti hafuun bulchiinsa abbaa irree tumsaa jiranis daba sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasisaa jiru argaa waan jirtaniif yeroon gara qabsoo uummata Oromoo WBOn durfamaa jirutti dabalamaa harka laattadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

