Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 3 gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka  kennatan

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Dhiittaa fi cunqursaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irraan ga’aa jiru jibbuun loltoonni murna bilxiginnaa sadii ajajaa dhibbaa dabalatee WBOtti harka kennataniiru.

Uummata Oromoo lafa irraa duguuguun sagantaa bilxiginnaa ta’uu hubachuun, mooraa cubbuu sana Keessaa baane jechuun Kan himan miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa sadii, dheengadda jechuun Mudde 11, 2023 lixa Wallaggaa Ona mana Sibuu irraa gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka laattatan rakkoo mooraa sirnichaa Keessa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Miseensonni sirnicha ganuun badan kunneen ona Mana Sibuu ganda Qeelaa Daabbuus irraa ajajaa dhibbaa tokkoo fi miseensonni lama qawwee Sniper 1, rasaasa sniper 140, dachaatu 2, rasaasa AKM 346, Boombii harkaa 5, hidhannoo guutuu gumbii 10 fudhachuun WBO bira ga’uu isaanii maddeen WBO gamasii addeessaniiru.

Karaa waraana Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aan akka taasifameef Kan himan miseensonni kunneen, ilmaan Oromoo dabalatee loltoonni sirnicha keessa jiran dhiibbaan mooricha keessa jiru walumaan argaa wanta turreef, qabsoo uummata bal’aatti akka dabalamtaniin dhaamsa keenya jechuun yaada isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version