Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni maafiyaan PP Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti hawaasa nagaa hidhuu fi dararuu hammeessee jiraachuun himame

ONM-ABO Adooessa 12, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Sombo-Sadan Giittan keessatti Adoolessa 7, 2025 waraanni faashistii PP hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Saamu’eel Eebbisaa,
  2. Ifaa Waaqgaarii,
  3. Daawwit Taammanaa fi
  4. Bijaaree Guddaa 

jedhaman badii tokko malee maqaa “hariiroo WBO qabdu” jedhu itti maxxansuun mana jireenyaa isaanii keessaa qabuun reebicha hamaa irratti raawwatanii fuudhanii deemuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’f addeessaniiru.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen badii qabaataniif osoo hin taane gochaan dhala namaa irratti raawwachuu hin malle akkasii akkuma guutummaa aanichaatti sabboontota ilmaan Oromoo fi maatii qabsaa’otaa irratti waraana sirnichaan raawwachuu erga eegalee bubbuleera jechuun, miidhaa isaan irra ga’aa jiruufis qaama itti iyyatanis dhabanii gidiraa hamtuu argaa jiraachuu dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hojii gaariin kan irraa hin calaqqisnee fi garaa isaanii guuttatanii jiraachuuf jecha nageenya uummataa booressaa kan oolan murni Bilxiginnaa waggoottan torban darban kana keessatti dararaa uummanni Oromoo armaan dura argee hin beekne irratti raawwachaa jiru.

Exit mobile version