Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhaatti guuruu itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituu PP impaayerattii tiksuuf jecha Koloneel Abiy Ahmediin bobbaafamuun sababoota garaagaraa uummata nagaa irratti maxxansanii ilmaan Oromoo akka bosonuutti adamsanii ajjeesuu, ukkaamsanii jumlaan mana hidhaatti guuruu fi dararaa adda addaa raawwataa jiru.

Haaluma kanaan, ergamtootni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu magaalaa Warra Jirruu Ganda 02 keessatti Hagayya 31, 2024 galgala naannoo sa’a 3:00’tti namoota maqaan isaanii Bulaa Maalimoo fi Tolinaa Fiqiruu jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii gara mooraa waraanaa isaanii keessatti reebichaa fi dararaa hammaataa irraan ga’anii jiraachuu jiraataan magaalichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.

Namoonni kun siyaasa kam keessaayyuu nama qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uus jiraataan kun itti dabaluun himee jira.

Exit mobile version