Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sadan Canqaa magaalaa Canqaatti kaadiroonni Bilxigginna leenjii bifa icciitiin geggeessa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 5, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa bulchiinsa magaalaa Canqaa keessatti Muddee 3, 2025 irra eegalun kaadiroonni Bilxiginna gandoota baadiyaa aanicha jala jiran hundaarra fi magaalicha keessa kaabinoota waliitti qabun leenjii torban tokkof turu kenna jiraachu maddeen keenya bakkicha ONMtti himan.

Leenjiin kaabinoota sadarkaa ganda fi magaalattii irraa walittii qabaman kanaaf kennamuus yeroof bifa icciitiin qabamuu fi mana barumsa Canqaa sadarkaa 2ffaa keessatti barattoonni akka hin dhufnee dhorkamuun geggefamaa jiraachuu keessa beektonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gareen faashistii PP olaantummaa siyaasaa fi waraanaa irraa fudhatamee jiru deebisuuf sobaa fi holola irratti hundaa’ee uummata ijaarrachuuf fedhii qabuun bakkeewwa adda addaatti leenjii kennaa jira.

Leenjii kennaman keessaa tokko Itoophiyaan nagaa fi guddina qabdi, kanaaf filannoo geggeessuu qabna, warra gufuu nutti ta’u caasaa WBOtti duullee balleessuu qabna kan jedhu ta’uun barameera.

Exit mobile version