Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan, Machaaraa fi Sadan Canqaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuun meeshaalee irraa booji’e

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun diina magaalotaa fi aanota keessaa baasuu jabeessee itti fufee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo har’a ganama Adoolessa 11, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawaa Galaan magaalaa Gabaa Roobii,  Machaaraa fi aanaa Sadan Canqaa keessatti tarkaanfii guddaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lola jajjabaa daandii cirracha gurraacha magaalaa Dambii Doolloo geessuu fi Dambii Doolloo irraa fageenya kiiloomeetira muraasa qabu irratti jajjabeen WBO magaalaa Gabaa Roobii keessatti geggeesseen humna diinaa irraa 67 ajjeesuun 89 kan madeesse yoo ta’u loltoota PP 15 harkaan qabee jira.

Lola sa’a wal fakkaataa sa’a 12:00 kaasee magaalaa Machaaraa keessatti taasifameenis loltootni  PP 56 ajjeefamuun  75 madaa’anii 8 harkaan qabamanii jiru.

Lola aanaa Sadan Canqaa magaalaa Canqaa keessatti gootichi tarkaanfii fudhateen humna diinaa irraa 78 ajjeesuun 91 madeessee 14 booji’eera.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 105, rasaasa 22,154, boombii 45, bireenii 10, isnaayippera 6, uffata waraanaa hedduu  dugda diinaa irraa yoo booji’uun, hidhamtoota siyaasaas gadhiisisee nagaan ba’ee jira.

WBOn tarkaanfii qindaa’aa ogummaa waraanaan masakame fudhachuu itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version