Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Lixaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sadan Canqaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuun meeshaa irraa hiike

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Birgeedii Odaa Kaarraa Cibraan Hangaasuu Gambitaa har’a Caamsaa 13 ganama godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa iddoo addaa Miidhagaa Birbir keessatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii laalessaa ergamtoota koloneel Abiy Ahimed irratti fudhatame kanaanis loltootni 7 yoo du’an 5 madaa’uun qawween AKM 6 hidhannoo 2 waliin irraa hiikameera.

Injifannoon Uummata Oromoof❗️

Exit mobile version