Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Irree fi abdiin sabaa WBO’n Zoonii Lixaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti har’a ganama Caamsaa 24, 2024 humnoota weerartuu impaayera Itoophiyaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoof baatetti haxxee hidhuun du’aa fi madoon adabuu beeksise.

Korommiiwwan Lixa biiftuu WBOn aanaa Hawwaa Galaan ganda Canqoo keessatti lola sa’a 3:00 hanga 5:00tti geggeesseen olii fi gadi ari’uun humnoota diinaa irraa 15 ajjeesuun 17 madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Gama meeshaatiinis qawwee AKM 5, boombii harkaa 2, hidhannoo 3 rasaasa bireenii 1000 ol dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchera.

Injiifannoon uummata Oromoof❗️

Exit mobile version