ONM-ABO Ebla 7, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn har’a ganama godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan bakka addaa Dabaqqaa jedhamtutti tarkaanfii waraana maafi’aa PP irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii laalessaa WBOn Birgeedii Odaa Kaarraa Cibraa Hangaasuu Gambitaa loltoota ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhate kanaanis qawwee AKM 5, boombii harkaa 2, rasaasa 400 fi gumbiilee dugda irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisumma Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

