ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa tarkaanfii humna waraana weerartuu impaayera Itoophiyaa irratti fudhatu jabeesse itti fufuun har’a ganama Onkololessa 11 Birgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Hangaasuu Gam-lixa Buttaan Gumaa Guddaa barii barraaqaan godina Qellem Waallaggaa aanaa Sadan Canqaa Mandara Saddet iddoo adda Gabaa Arbii jedhamutti tarkaanfii fudhatee jira.
Tarkaanfii mooraa isheetti itti seenuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun olii fi gadi fiigsuun fudhateen battalatti loltoota Bilxiginnaa 7 irraa ajjeesee 15 ol madeessuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu fudhate kanaan qawwee AKM 6, rasaasa PKM 1000 ol yoo hiiku waraana Abiy Ahimed tokko ammoo jiraa booji’uun meeshaalee waraanaa adda addaa hiikee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

