ONM-ABO Adoolessa 12, 2023
Tarkaanfii jabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kaleessa ganama Adoolessa 11, 2023 bariin godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan, Machaaraa fi Sadan Canqaa irratti fudhatee diina harcaaseen kan rifate murni faashistii PP, uummata bulchiinsa magaalaa Dambi Doolloo daldala irraa ugguree oole.
Magaalaa Dambii Doollootti dhukaasa gurguddaa erga dhukaasaniin booda uummatni akka wal keessa hin sochoone kan taasisan waraanni faashistii PP, namoota daandii gubbaa irratti arganis reebaa turan.
Tarkaanfiin uummata daandii irraa ari’uu kun ganama jabaatee kan geggeeffamaa ture yoo ta’u, ganamuma sana dukkaanotnii fi manneen daldalaa biroon akka cufaman taasisanii jiru.
Sababa dukkaanotni fi manneen daldalaa cufamaniifis namootni wantoota itti fayyadaman bakka bitatan dhabuun rakkachaa akka turan kan nuuf himan maddeen, daldaltootni sababa ga’aa tokko malee hojii isaanii irraa ooluus gaddaniiru.
Magaalaa Dambii Doolloo keessa sochii xiqqaan gara galgalaa mul’atus namootni miira sodaan mana isaanii kan banachaa turanii fi uummatni wal keessa kan deeme ganama har’aa ta’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

