Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti hawaasa nagaa yoo hidhan, Aanaa Waayyuu Tuqaa irraa immoo manneen hawaasaa gubuun himame

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Murni faashistii PP loltoota isaa akka hawaasa dararaniif goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansee kan durii caalaa hawaasa jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu cimsee itti fufeera. 

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Ulumaayii Caalaa jedhamu irraa Bitootessa 4, 2025 badii tokko osoo hin qabaanne namoota maqaan isaanii Obbo Addaamuu Gaarummaa fi Obbo Bantii kanneen jedhaman hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sababa adda addaa da’eeffachuun loltoonni akkasumatti waan hawaasni keessaa hin qabnee fi keessa hin jirreen yakkanii dararuu araada godhatan, namoota kana badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu” jedhamanii kan hidhaman ta’uun baramee jira.

Oduu biraatiin immoo, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa irraa “ilma keessan bosonaa galchaa” jechuun jiraataa tokko jalaa mana gubuun himamee jira. 

Ganda Haroo Caalchis jedhamu irraa lukkeeleen akka saree olii fi gadi fiiganii hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu goolan, guyyaa dheengaddaa Bitootessa 5, 2025 nama maqaan isaa Obbo Dabalaa Guddataa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa inni qabu hunda abidda itti qabsiisuun barbadeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Obbo Dabalaan irra deddeebiin loltoota sirnichaan doorsifamaa fi reebichi ulfaataan irra gahaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo “ilma kee bosonaa galchi; karaa nagaa galee haa qabsaa’u” jechuun kana sababa godhanii jalaa gubanii maatii isaa bakkeetti facaasanii akka jiran barameera.

Exit mobile version