Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti hidhaan ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Ulumaayii Caalaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa cubbuu fi daba hawaasa nagaa irratti hojjetan garmalee jabeessuun, namoota  maqaan isaanii Obbo Booji’aa Guddisaa fi haadha manaa isaa Aadde Giddituu Tolamaaram Bitootessa 7, 2025 ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba tokkollee kan hin qabne ta’anis, loltoota sirnichaan yakkamanii “Waraana Bilisummaa Oromootu qawwee as kaa’e waan ta’eef fidaa?” jedhamuun garmalee reebamanii hidhaatti darbatamuu dubbatu.

Aanicha guutummaa keessatti gochoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne hawaasa meesha maleessa irratti raawwachaa kan jiruu fi namoonni hedduun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii ba’uuf qarshii gurguddaa gaafatamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version