Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti hidhaan ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Aanaa Goobbuu Sayyoo ganda Somboo Qejjoo jedhamu keessaa waraanni goolessituun PP hawaasa nagaa dararuuf ajaja Bilxiginnaan bobbaafaman Bitootessa 12, 2025 namoota nagaa maqaan isaanii:

  1. Obbo Xiiqii Raggaasaa, 
  2. Obbo Ifaa Morkaa, 
  3. Aadde Boggee Baqqalaa fi
  4. Aadde Ijjigaayyoo Ragaasaa kanneen jedhaman 

badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuudhaan mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru. 

Kana malees, ganduma kana irraa lukkeeleen hawaasa nagaa dararuu amaleeffatan Bitootessa 13, 2025 badii tokko malee Obbo Joorxaa Raggaasaa, haadha warraa fi obboleettii isaa Gobaanee Raggaasaa kan jedhamtu qabanii mana hiraarsaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattonni kunneen, hundi isaanii badii hojjetan qabaataniif ykn hirmaattota qaama siyaasaa kamii ta’aniif osoo hin taane, maqaan “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabu” jedhu itti maxxanuun yakkamanii hidhaatti darbatamuun baramee jira.

Koloneel Abiy Ahimed ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun, afaaniin waa’ee nagaa fi qabsoo karaa nagaa lallabaa ifatti immoo, jibba ilmaan Oromoof qabu, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisaa kan jiru yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisuu cimsee itti fufee jira.

Exit mobile version