Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaat keessatti yoo namoota ajjeesan, Liiban Jaawwii keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Bitootessa 4, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Muunyoo Jibaatitti jaarsolii biyyaa umuriin isaanii 65 olii:

  1. Obbo Darajjee Urgeessaa (Abbaa Leencoo), 
  2. Obbo Biraanuu Rabbumaa, 
  3. Obbo Lachiisaa Daggafaa 

Obbo Lachiisaa Daggafaa kan jedhamu ilmi isaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ganee PP’tti harka kan kenne yoo ta’u, waraanni inni gale garuu abbaa isaa ajjeesuuf duubatti hin deebine.

Baatii darbes fira Daawwaa Gannaalee kan Zoonii Madda Albuudaa irraa ganee Aadde Busuu Okkotuu Kaarruu jedhamtu aanaa Gumii Eldelloo keessatti ajjeesanii turan.

Oduu biraatiin Bitootessa 6, 2025 aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Ajjamaa Dhugoo,
  2. Fayyisaa Qajeelaa,
  3. Hirphaa Gaarii,
  4. Bokonaa Caalaa,
  5. Eebbisaa Badhaanee,
  6. Haacaaluu Taaddasaa fi 

kanneen ammaaf maqaan isaanii hin eeramne hedduu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees, Bitootessa 4, 2025 ganduma kana keessaa hojii humnaa hojjechuun jireenya dhuunfaa ishee kan jiraattu shamarree Asteer Kabbadaa jedhamtus badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun  hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kabajni namummaa irraa mulqamee dacheema isaanii irratti gidirfamaa jiru jechuun, gocha ciggaassisaa waraana maafiyaa impaayerattii kana balaaleffachuun dubbatu.

Exit mobile version