Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa milishaa fi riphee lolaa jedhamuun waamaman qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo irratti guyyaa guyyaan dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun akkuma beekamu, godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Ganda Aggoo Laaften jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma duraan baranitti hawaasa nagaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun gochoota suukkanneessoo adda addaa irratti raawwachaa ooluun, Onkoloolessa 22, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Caalaa Tasgaraa fi Obbo Mirreessaa Alamaayyoo jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, Caalaan gadda haadha isaa irra osoo jiruu qabamuu fi Mirreessaan ammoo bakka hojii dhuunfaa isaa irraa qabamuu himuun, badii tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun yakkamanii lukkeelee bilxiginnaan ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version