Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti ergamtoonni sirnichaa lammiilee nagaa hidhuu fi achi buutee dhabamsiisuu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa teessoo siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun miidhaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Ulumaayii Caalaa jedhamu keessaa Guraandhala 5, 2025 namootni maqaan isaanii:

  1. Taammiruu Raggaasaa,
  2. Mootummaa Moosisaa,
  3. Barsiisaa Garbaabaa,
  4. Dinqiisaa Hunkuluu fi 

kanneen biroo hedduu ta’an loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamuun achi buuteen isaanii yoo dhabamsiifamu, yerooma wal fakkaataatti ganduma kana irraa namootni baay’inaan 20 ta’an namoota achi buuteen isaanii dhabame waliin kanneen qabaman waajjira poolisiitti hidhamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufuun, aanichuma ganda Somboo Qeejjoo jedhamu irraas guyyaadhuma kana namootni maqaan isaanii:

  1. Tuuchuu Shifarraa,
  2. Mulaatuu Hissaa,
  3. Caalaa Soorii,
  4. Baalchaa Galaanaa, 
  5. Misgaanuu Yaasin fi 

kanneen biroo hedduu ta’anis badii tokko malee hidhamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Akkuma aanichaatti guyyaa kana namoonni qabamanii mana hidhaa seenan baay’inaan 170 ol ta’uu kan himan maddeen, kaayyoon isaan ukkaamfamaniifis leenjii waraanaaf ta’uu mala jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version