ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Murni sirna Minilikiin deebisee gadi dhaabuuf dhama’u Bilxiginnaan Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf tooftaalee garaa garaa uummatee socho’aa kan jiru ta’ullee milkaa’uu dhabuu irraan kan ka’e yeroo ammaa kanammoo golee Oromiyaa mara keessatti maatii qabsaa’otaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu akkasumas qe’ee fi qabeenya isaanii abiddaan barbadeessuu irratti xiyyeeffatee jira.
Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Ulumaayyii Caalaa jedhamu keessatti Amajjii 31, 2025 waraanni nama nyaataan sirnichaa Obbo Boshoo Waaqgaarii fi Aadde Qabbanee Dabaloo namoota jedhaman dabalatee kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu maqaa “ijoollee keessantu bosona jira” jedhuun hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, yeroo ammaa kanas Aadde Qabbaneen daa’ima baatii 3 waliin yakka tokko malee mana qulqullinni isaa hin eegamnee fi dhukkuboota adda addaaf nama saaxilu keessatti hidhamuu irraan kan ka’e haalli fayyummaa daa’ima ishee illee yaaddessaa ta’uu ibsu.

