ONM-ABO Hagayya 6, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Gambeela Tarree keessatti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibira lafaan tokkoon tokkoon biqiltuu hawaasni ooyiruu isaa irraa qabutti qarshii humnaan olii timaamuun saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaanis biqiloota kanneen akka: baargamoo, birbirsa, giraaviliyaa, waddesssa, laaftoo, shimalaa fi kan kana fakkaatan tokkoon tokkoon isaaniitti qarshii 30 shallaganii saamaa kan jiran yoo ta’u, kuduraa fi muduraa dabalatee biqiloota kanneen akka: avokaadoo, paappayyaa, maangoo, burtukaanii, bunaa fi kan kana fakkaatanitti ammoo qarshii 50 herreguun guutummaa jiraattota gandichaa irratti saamicha humnaa olii geggeessaa jiraachuu jirattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, saamichi kun Hagayya 1, 2025 irraa eegalee hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti itti fufee geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, rakkoo qaala’iinsa jireenyaan uummata ofiifuu waan nyaatee bulu dhabaa jiru mana mana irra deemuun saamaa jiraachuu fi namoota maallaqa jedhame kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhaatti guuraa jiraachuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudatee jiruun miindaa hojjettoota isaaf kaffalu illee dhabuu irraan kan ka’e, sababoota garaa garaa tarreessuun kaffaltii waliin isaa hin beekamnee fi naga’ee hin qabneen uummata jireenya harkaa gara afaanii jiraatu irratti saamicha raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

