ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa jedhamu keessatti torbanuma kana keessa uummata harka qalleeyyii ofiifuu sababa qaala’iinsa jireenyaatiin jiruu fi jireenya mataa isaanii geggeeffachuun itti cimee gidiraa hamtuu argaa jiru afaan qawweetiin walgahii baasuun maqaa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen tokkoon tokkoon afoosha araddichaa irraa qarshii 10,000 naga’ee seeraa tokko malee harkaa fuudhaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, araddicha keessatti saamichi bifa akkanaa kun irra deddeebiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii qarshii gaafataman kaffaluu hin dandeenye ammoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa, akkasumas reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun hidhaatti darbachaa kan jiran ta’uu eeranii jiru.
Ergamtoonni fi jaleewwan Bilxiginnaa sababa rakkoo waraanaatiin kufaatii siyaas-dinagdee impaayerattii mudatee jiru irraa ka’uun uummata Oromoo irratti duula saamichaa geggeessaa kan jiran ta’uun ni beekama.

