Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti nyaata daa’immaniif dhufu gurgurachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 1, 2023

Murni faashistii pp karaa caasaa fi waraana isaa gargaarsa rakkina uummataaf dhufu, qamadii, daakuu, zayita, xaa’oo akkasumas nyaata daa’immanii osoo hin hambisin dhoksaan gurgurachuun uummata fayyadamuuf barbaadu biraan osoo hin ga’in hanqisaa jiru.

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti nyaata daa’immaniif dhufu caasaan bilxiginnaa aanichaa abbootii gandaa akkasumas warreen dukkaanaa waliin ta’uun gurguranii fayyadamaa jiru.

Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Dhagaa Bal’oo Dirree Iliyyee fi Dirree Bal’oo keessati nyaanni daa’immanii akka malee gurguramuun hawaasni daa’imman isaaniif dhabanii yoo caasaalee araddaa gaafatan yakkamaa akka jiran barameera.

Kana malees nyaata tolaan dhaabbata gargaarsa daa’immanii irraa argamu kana ekisteenshiniin maqaan ishee Iftuu Ibraahim jedhamtuu fi Iftuu Aliyyii jedhamtu haadholii daa’imanii irraa qarshii 100 hanga 200 fudhachuun kennaafii akka jirtu jiraattootni dubbatu.


Aanicha keessatti rakkooleen caasaa bilxiginnaan uummata irra ga’u kan hammaatee jiru yoo ta’u torbee darbe keessas hospitaala Malkaa Bal’oo keessatti dubartii yaalaaf dhaqxe irratti gudeeddiin raawwatamuu jiraattootni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version